Ezra 7:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Woni anini jed'u tana: Nama Israeli ch'ufti, ka lafa tiyya keesa jiru, ka Yerusalemu d'aqu fed'u qaaloleefi worri Lawi taanaani ha siini woliini yauti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Banii Israa'elii ka bulchiinsa kiyya keessa jiran gadootaa fi worra Leewwotaa keessaa namni gara Yerusaalemii deemuu barbaadu maruu akka si woliin deemu ajajeera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Israa'elooti mootummaa tiyya keessa jiranu, hayyootii fi Lewwooti worri si woliin gara Yerusaalemii deemiisa barbaadanu marti akka deemanu ajajeera.