Ezra 7:24 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle qaalole worra Lawiti, sirbitu, worra balbala eegufi hojattu Mana Waaqa, yokhaani nama taatefu ka huji mana suni hojattu, gibira iraa infuud'ina.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma gadoota, Leewwota, worra faarfatan, worra balbala eegan, wolumaa galatti tajaajiltoota mana Rabbii keessatti tajaajilan irratti gibiraa fi qaraxa woyiituu akka isaan hin kaffalchiifne isin beessifna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma isin hayyootatti, Lewwootatti, faarfattootatti, eeddota karraatitti, tajaajiltoota Galma Waaqaa yookiin worra Galma Waaqaa keessa huju irratti gibira, qaraxaa fi beesee waan adda addaatiif baasanu itti buusuu baallii akka hin qanne beeka'a.