Ezra 7:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ezrani guddo waan Seera AABBO Waaqa Israeli, ka inni Musaa kenne, soome barate. Maro inni eeba AABBO Waaqa isaa qabuufi, hayyichi waan inni kad'ate ch'ufa kenneefi. Ganna torbeeso ka Artashastani lafa mohate, Ezrani Babiloni kae, worra Israeli ka garitifi qaalole, worra Lawiti, Sirbitu, worra mana eegu, hojattu Mana Waaqa ta gari woliini Yerusalemu yaani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Izraan kun Baabilooniin keessaa bayee gara Yerusaalemii dhaqe; inni barsiisaa seeraa ka Rabbiin Waaqa Israa'elii Muuse'etti kenneeti. Waan hunni Rabbii Waaqa Israa'elii isa woliin jiruuf mootichi waan inni fedhe maraa kenneef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Baabilon irraa gara Yerusaalemii dhufe; inni beekkicha seera Mootii Waan Maraa Waaqi Israa'elii Muuse'eef kenne akka dansaa ka beeku barsiisaa seeraa ti. Hunni Mootii Waan Maraa Waaqa isaa waan isa woliin jirtuuf, waan inni gaafate mara mootichi isaaf kenne.