Ezra 8:20 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worra kana malele, nama d'ibba lamafi diddama ka Mana Waaqa hojatuti jira, ka duri Daudifi jari isaa file, worra Lawi qarqaara jed'eeni. Jara kana ch'ufa maqa t'aafani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
akkasuma Daawitii fi worri baallii qaban garee tajaajiltoota mana woyyu'uu gargaaran hundeessan keessaa nama 220 fidan; kunniin maruu maqama ufiitiin galmaayan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
kana maleelle, worra Daawitii fi qondaaltoti biyyaa, Lewwoota akka gargaaranuuf kennane keessaa, tajaajiltoota Galma Waaqaa dhibba lamaa fi diddama fidane. Isaan marti maquma maqa'aan galmeeffamane.