Ezra 8:22 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini sila ch'eeraafu dandae hayyichaani, askartiti farda, ta karaati nu qorqorate, nyaapa nura d'owartu nuu kenni, injed'uuni; wonti akanatiifi anini qara hayyuuni, Waaqi nama isa barbaadu ch'ufa ineebisa, ammo nama isa iraa gore, inni jibbeti gaargalcha jed'eeni.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichaan «Hunni Waaqa keennaa worra isa soqu maraafuu mishumma'aaf; lolli isaatii fi hunni isaa garuu worra isa dhiisan irratti.» jennee waan dubbannee turreef diina karaa irra jiru jalaa akka nu hambisaniif loltootaa fi worra fardaan lolan mooticha kadhachuu saalfadhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nuuti mootichaan, «Hunni Waaqa keennaa worra isa barbaadatu woliin jirti; worra isa lakkisu mara irratti ammoo mufiin itti hin buuti» jennee waan itti hinneerruuf, karaa irratti diinota keenna akka nu irraa eeganuuf, loltootaa fi abbootii fardo'oo mooticha kadhatuu fokkifadhe.