Ezra 8:33 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
jennaani guyya afreeso nu Mana Waaqa d'anne, qarsifi worqifi miha kaani biimine harka qaallicha Merimothi, ilma Uriati, kennine. Nami isa woliini jiru Eleazari ilma Finehasitifi jara lama ka gosa Lawi, ka Yozabadi ilma Yeshuatifi, Noadia ilma Binui, jed'ani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa guyyaa arfaffa'aatitti birrii, worqi'ii fi meeshaallee mana Waaqa keennaatitti madaallee gadicha ilma Ooriyo'oo Meeraaritti kennine. Ilmi Finihaasii Alaazar, Leewwonni ilmi Iyyaasu'uu Yoozaabaatii fi ilmi Biiniiwii Noo'aadiyaan fa'allee isa woliin turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa arfeesso'ootitti gara Galma Waaqa keennaa dhandhee meetiin, worqi'ii fi mey woyyichi madaalamee, ilma Uriiya'aa hayyicha Meremootitti kennamane; ilmi Fiineshaasii Ele'azaarii fi Lewwooti ilmi Iyaasu'uu Yozaabaadiinii fi ilmi Biinuyii No'aadiyaan isa woliin jiraniiyyu.