Ezra 8:35 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani worri eegi boojiani gale kaani ch'ufti waan gubani Waaqa Israeliti sorio baasanini d'ufe. Horini worri baase — koromi looni kud'ani lama ta maro gosa Israeliti baasanifi elemiye sagaltami jaatiifi ilmoole hoola ta torbatami torba; worri ammalle korbeeyyi kud'ani lama sorio dabaani ufi iraa baasani baase. Hori kana ch'ufa gubani sorio AABBO Waaqaa baasani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanatti aansee booji'amtoonni booju'uu deebi'an ciincaa ciincawu Waaqa Israa'eliitii fi waan Israa'elii maraafuu jiboolee kudha lama, korbeeyyii hoola'aa sagaltamii jaha, korbeeyyii darmii hoola'aa torbaatamii torba, ciincaa cubbu'uutiif korbeeyyii re'iinii kudha lama dhiyeessan. Kun maruu ciincaa Rabbiif ciincawu ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa san worri boojuu irraa deebi'e, Israa'el maraaf dardaroota kudhanii lama, korbeeyyii hoole'ee sagaltamii jaa, buruusoo korbeeyyii hoole'ee torbaatamii torba Waaqa Israa'eliitiif ciincaa gubamu dhikeessane; kun martinuu ciincaa gubamu ka Mootii Waan Maraatiif dhikaate. Sababa cubbu'uutiifille, korbeeyyii re'e'ee kudhanii lama ciincaa dhikeessane.