Ezra 9:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi waan suni ch'ufa tolchani, jaaroleeni hagi toko d'ufte waan nani jette, worra Israelitiifi qaaloleefi worri Lawi worra gosa Amonitifi Moabutifi Misiritiifi Kanaanitiifi Hititifi Perezitifi Yebusitifi Amori, ka d'aatu worraa jiru woli ilaganne. Waan hamtu worri sunini tolche ch'ufa worrileeni tolchu jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga wonti kun maruu raawwatameen maayii bulchoonni Israa'elii gariin gara kiyya dhufanii akkana naan jedhan, «Baniinii fi gadoonni, worra Leewwotaallee eda'atee battummaa worra ollaa isaanii jiranii ka Amoonotaa, ka Mo'aabotaa, ka worra biyya Misirii keessa jiraataniitii fi akkasuma ka worra Kana'aanotaa, ka worra Keexotaa, ka worra Feerzotaa, ka worra Iyyaabusootaatii fi ka worra Amoorotaa irraa uf hin eenne; waan battii baniin sunniin hojjatan maraa hojjatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wonni kun marti te'een duuba, sooressitooti gara kiyya dhufanee, «Kolbaan Israa'elii, hayyootii fi Lewwootinuu adoo hin hafin kolbaa adaala isaanii jirtu Kana'aanota, Heetota, Pheriizota, Yibusoota, Amoonota, Mo'aabota, Gibxootaa fi Amoorota irraa gargar hin baane; hujii battummaa isaanii irralle'ee ifi hin eeganne.