Ezra 9:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi dubra teesani ilmaani worraa infuud'ini, ilmaani teesanileeni dubra worraa infuud'ini - nagayaafi hormaata worraa imbarbadiina, yo isani lafa tana maachitani takaa tana ilmaani teesani - eti dabarsu feetani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
kanaafuu akka jabaattan, daraaraa biyya sanii akka nyaattan, lafa tana fiixaa keessanillee akka dhaalchiftan ijoollee teessan ta durbaa ijoollee isaanii ta dhiiraatii hin kenninaa'a; ijoollee teessan ta dhiiraatitti ijoollee isaanii ta durbaa hin fuudhinaa'a. Isaaniin wolitti hin firoominaa'a› jettee nu ajajje dhiifneerra,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf isin akka jabaattanuuf, waan dansaa biyyi sun baachu akka nyaattanuuf, biyya sanille ijoollee teessaniif, dhaala bara baraa gootanee akka dabarsitanuuf, durra teessan ilmaan isaaniititti hin heerumsiisina'a! Ilmaan teessanille durra isaanii hin fuusisina'a! Ijjumaa nageya isaaniif hin kennina'a; akka isaanitti tolulle hin godhina'a› jettee ka ajajje lakkinneerra.