Ezra 9:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ee AABBO Waaqa Israeli, atini ka d'ugaati, gumi diqo toko ya hambifte. Nu wollaala keenna siti himanna; nu d'uga dandeenne fuula kanke duraani ejinu inqamnu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yaa Waaqa Israa'elii! Ati qajeela'a. Akkuma adha ta'e kana nu'u jalaa baanee hafneerra. Nu'u amma kunoo yakkuma keennaan si afoo jirra. Kanaafuu ka si afoo dhaabatuu danda'u hin jiru.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ee Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii, ati balcha'a; nuuti adha jiru'uun hanneerra; kunoo, yakkaa teenna woliin si dura jirra; sababa yakkaa tanaatiif nu keessaa nami si dura dhaabbatuu dande'u tokkolle hin jiru» jedhe.