Ezra 9:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Haga sorio galgala baasaniti anini achuma tae bohe. Duuba nami hedduuni nati bahe, worri sunini nama waan ch'ubbu worra eegi boojiani gale kaani ka AABBO Waaqi waan isaa dubbate d'agaye sodaate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan yakka worri booju'uu deebi'an hojjatanii ka Waandhi Israa'elii dubbateetiif worri nayan maruu na biratti wol gayan; anillee haga ciincaa galgalaa gaddee achuma taa'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sababa addatama dhabiisa worra boojuu irraa deebi'eetiif, worri jecha Waaqa Israa'elii sodaatee rommu na biratti wolitti qabamane; anille nayee haga ciincaa galgalaatitti achuma tee'e.