Galatians 1:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani amma nama moo, Waaqa duratti fudhatama dhaggatiisaaf barbaadiisatti jira ree? Yookiin nama gammachiisu'uuf barbaadatiisatti jiraa? Nama gammachiisu'uuf adoo waan barbaadu teete, ani tajaajilaa Kiristoosii hin te'uuyyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti kunini waan anini jaalala namaa barbaadu fakaatti? Hiyyo! Anini jaalala Waaqa ch'alla barbaada! Anini nama heddu ka na owisu fed'a? Yo sila waan suni fed'e, anini hojattu Kristo intahu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii kunin waan anin jaalala namaa barbaadu fakkaattii? Hiyyoo! Anin jaalala Waaqaa callaa barbaada! Anin nama hedduu ka na oowisu fedhaa? Anin yo silaa waan sun fedhe, hojjataa Kiristoo hintahu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani amma nama biratti fudhatama argachuu barbaada mo'o? Rabbiin biratti? Amma yoo nama gammachiisa ta'e, ani garbicha Kiristoosiitii miti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani amma nama biratti fudhatama argachuu barbaada mo'o? Rabbiin biratti? Amma yoo nama gammachiisa ta'e, ani garbicha Kiristoosiitii miti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa, ani ka barbaadu naminni akka ana galateeffatuuf moo? yookiin Waaqinni akka ana galateeffatuuf? yookiin nama gammachiisu'uuf ka barbaadu isinitti fakkaatee ta'innaa laata? Namoota gammachiisu'uuf ka barbaadu uduu ta'eetii, tajaajilaa Kristosii hin ta'uuyyu ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year