Galatians 1:11 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Obboleeyyan tiyya! Oduun Gammadaa ta ani isiniif lallabe, ta nami ifi keessaa maddisiise akka hin te'in, akka beettanu barbaada.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan kana isaniti hima, oboleyaani. Dubbini dansaani anini odeesu ta nami mata ufitiini baafateeniti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Obboleeyyan tiyya amma waan kana isanitti hima! Dubbiin dansaan anin haasa'uu ta namii mataa ufitiin baafateeniti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Obboleeyyan tiyya! Dubbiin Nagayaa ka anaan himame kun, ka namni uf keessaa burqisiise akka hin taane akka beettan barbaada.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Obboleeyyan tiyya! Oduun Nagayaa ka anaan himame kun, ka namni uf keessaa burqisiise akka hin taane, akka beettan barbaada.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa obboleeyyan! Wongeelli ani isiniif lallabe nama irraa ka argame ta'uu dhabuu isaa akka beekittan barbaada.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleeyyan tiyya! Oduun Gammadaa ta ani isiniif lallabe, ta nami ifi keessaa maddisiise akka hin te'in, akka beettanu barbaada.