Galatians 1:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa duri dhugeeffannaa Yihudootaa hordofu, attam akka ani le'e dhageettaneertan; ani wolde'a kiristaana Waaqaa akka malee miidhaa balleesiisaaf wodhaanaa ture.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aka anini duri tahe, gaafa aada Yahudi keesa jiru, ya d'ageetani, aka anini naasu male gumi Waaqa gaargalche, aka balleesu iti kae.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka anin gaafa durii aadaa warra Yihudii keessa jiru, naasuu malee gumii Waaqaa gaargalchee balleessuu itti ka'e la dhageettan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa dur amantii Yihuudotaa hordofa'aa ture, attamitti akka jiraata'aa ture dhageettaniirtan. Woldaa Kiristaanaa ta Rabbii akka malee ari'a'aa, balleessa'aa ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa duri amantaa Yihuudotaa hordofa'aa ture, Attamitti akka jiraata'aa ture dhageettaniirtan. Woldaa Kiristaanaa ta Rabbii akkamalee ari'a'aa, balleessa'aa ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Duraan yeroo horddofaa amantii Yihudotaa turetti attamitti akka jiraadhe dhageettanii jirttan, Mana Waaqeffannaa Waaqaa hagaa olitti ari'aa, balleessu'uuf ni tataafadha ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa duri dhugeeffannaa Yihudootaa hordofu, attam akka ani le'e dhageettaneertan; ani wolde'a kiristaana Waaqaa akka malee miidhaa balleessiisaaf wodhaanaa ture.