Galatians 1:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqi ammoo adoo ani hin dhalatin dura ana filate; badhaadha ifiitille'een ana waame.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Waaqi, eeba isaatiini, ato anini ind'alatiini na yaame na fohate, aka anini isaa hojad'u.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaqii ammoo adoo anin hindhalatin eebba isaatiin na yaamee akka anin isaa hojjadhuu na foohate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo ka uduu ani gadaamessa haadha tiyyaa keessa jiru na filate, Rabbiin badhaadha ufiitiin na waame, worra Yihuudii hin taane jiddu'utti,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo, ka uduu ani gadaamessa haadha tiyya keessa jiru na filate, badhaadha isaatiinillee Rabbiin na waame, worra Yihuudii hin taane jiddu'utti, Oduu Nagayaa isaa akka himuuf, Ilma ufii akka kiyyatti ibsu'uuf hennaa barbaade, yoosuu ani nama tokkoonillee hin mari'anne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu dhalachuu kiyyaan duranatti Waaqinni ana filate, kennaa isaa ka bilisaatiin'llee ana waame.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi ammoo adoo ani hin dhalatin dura na filate; badhaadha ifiitille'een na waame.