Galatians 1:23 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Oduu, “Namichi duri nu miidhaa ture, dhugeeffannaa balleessiisaaf barbaadu san, amma lallabiisatti jira” jettu qofa dhage'aneeran.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan biyyiti wolti hasoofte ch'alla beekhani: Namichi duri nu gaargalche kaani amma d'ugefacha duri balleesu fed'e taani tae barsiisa! jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan biyyitii waltii haasoofte, “Namiichii durii nu gaargalche kaan amma dhugeeffachaa durii balleessuu fedhe taan ta'ee barsiisa!” jette callaa beekhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo, «Inni duraan nu ari'a'aa ture sun amantii duraan balleessu'uuf barbaadu san lallaba» jedhamee hennaa dubbatamu dhagaya'aa turan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo, inni duran nu ari'a'aa ture sun, amantaa duran balleessu'uuf barbaadu san lallaba jedhamee hennaa dubbatamu dhagaya'aa turan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan ka dhagayan, «Naminni duraan nu ari'aa ture amanitii balleessu'uuf ni barbaada ture san, amma ni lallaba» jecha jedhu ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Oduu, «Namichi duri nu miidhaa ture, dhugeeffannaa balleessiisaaf barbaadu san, amma lallabiisatti jira» jettu qofa dhage'aneeran.