Galatians 2:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Pheexroos gara Anxokiya'aa yennaa dhufe waan dokonkoreeruuf, ani fuula duratti isa morme.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafa Petroni Antiokia d'ufe, anini gumi durati isaani morme, waan inni wollaala tolcheefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gaafa Phexros Anxokiyaa dhufee, anin waan innii wallaala tolcheef gumii duraatti isaan morme.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo Keefaan gara Anxookiya'aa hennaa dhufe, wonti inni hojjate waan isatti murteessuf dogoggora isaatiif ani addaataa isa morme.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo Keefaan gara Antsokiya'aa hennaa dhufe, waan dogoggora isaatiif ani addaataa isa morme. Wonti inni hojjate waan isatti murteessuuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phexiros gara Anxokiya'aa yeroo dhufetti ifatti dogoggoree waan tureef, isuma duranatti ni mormmeen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Pheexroos gara Anxokiya'aa yennaa dhufe waan dokonkoreeruuf, ani fuula duratti isa morme.