Galatians 2:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Namooti gariin Yaaqoob biraa adoo hin dhufin dura, Pheexroos worra Yihudoota hin te'in keessaa worra dhugeeffate woliin nyaataa ture; yennaa isaan dhufane ammoo, golii worra haqanqabaa qabatee sodaatee, worra Yihudoota hin te'in irraa ifi gargar baasee qarqarfate;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato nami Yakoboni erge achiini imbahiini, Petroni gosa d'ibi woliini sagale nyaate. Ammo worri kaani d'umnaani inni gosa d'ibi woliini sagale nyaachu dide, waan inni jara gosa d'ibi qabanqaba qabuufi fed'e kaani sodaateefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo namii Yaaqoob erge achiin hinbahiin, Phexros gosa dhibii waliin sagalee nyaate. Ammoo warrii kaan dhumnaan waan jara gosa dhibii dhaqaanqabaa qabuu fedhe kaan sodaateefii, gosa dhibii waliin sagalee nyaachuu dide.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonni gariin Yaaqoobiin bira uduu hin dhufiniin dura, inni worra Yihuudota hin taane woliin nyaata'aa waan tureef, hennaa dhufan ammo gosa gadooman san sodaatee uf duubatti sissiiqa'aa isaan biraa fooyame.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namoonni gariin Yaaqoobiin bira uduu hin dhufiniin dura, inni worra Yihuudota hin taane woliin nyaata'aa waan tureef, hennaa dhufan ammoo gosa gadooman san sodaatee uf duubatti sissiiqa'aa isaan biraa fooyame.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaaqoob ka isaan erge namoonni tokko tokko gara Anixokiya'aa dhufuu isaaniitiin duranatti, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee jiddu'utti worra amanan woliin ni nyaatan ture, eega isaan dhufaniin duubatti garuu, «Gara ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneetii worri amanan gadoomuu ni qaban» gareewwan jedhan sodaachu'uun, ufi duuba deebi'anii ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne irraa ni fooyaman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namooti gariin Yaaqoob biraa adoo hin dhufin dura, Pheexroos worra Yihudoota hin te'in keessaa worra dhugeeffate woliin nyaataa ture; yennaa isaan dhufane ammoo, golii worra haqanqabaa qabatee sodaatee, worra Yihudoota hin te'in irraa ifi gargar baasee qarqarfate;