Galatians 2:20 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre haganaa achi Kiristoos ana keessa le'a malee, ani ifiif hin le'u. Le'ii amma fooniin le'ulle, Ilma Waaqaa ka ana jaallatee, ifi dabarsee anaaf kennetti dhugeeffatiisaan le'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
nami amma jiru ananiti, Kristoti na keesa jira male. Jireenna anini amma jiru kana maro d'ugefacha Ilma Waaqaatiifi jira, ka na jaalate jireenna ufi naa baase.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
namii amma jiru ananiti, Kiristootti na keessa jira male. Anin jireenna amma jiru kana marroo dhugeeffachaa Ilma Waaqaatiif jira, ka na jaalatee jireenna ufii naa baase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kiristoosiin woliin fannifameera; ammaa achi Kiristoositu na keessa jiraata malee, ani ufii hin jiraadhu. Jiruun ani amma fooniin jiraadhu ka na jaalateef ka uf dabarsee naa kenne amantii Ilma Rabbii irraa qabuun.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kiristoosiin woliin fannifameera; ammaa achi Kiristoositu na keessa jiraata malee, ani ufii hin jiraadhu. Jiruun ani amma fooniin jiraadhu ka na jaalateef ka uf dabarsee naa kenne amantaa Ilma Rabbii irraa qabuun.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ani Kristosiin woliin akkuma waan fannifamee titti waan laakkayuuf ammaa achitti Kristos ana keessa ni jiraata malee lubbuu kiyyaaf ka jiraadhuu miti, amma'llee qaama kiyya ka fooniitiin ka jiraadhu ka ana jaalatee fi waayee kiyyaaf'llee mataa isaa dabarssee ka kenne, Ilma Waaqaa titti amanu'uun jireenna argamuun.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre haganaa achi Kiristoos ana keessa le'a malee, ani ifiif hin le'u. Le'ii amma fooniin le'ulle, Ilma Waaqaa ka ana jaalatee, ifi dabarsee naaf kennetti dhugeeffatiisaan le'a.