Galatians 2:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Worri sooreyyii gugurdoo ifi fakkeessuu ammoo, eennummaan isaanii ta qaraa womaa natti hin fakkaatu; Waaqi fuula namaa ilaalee hin golu; isaan Oduu Gammadaa ta ani lallabu irratti womaa hin daballe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo worri nama gugurda fakaattu anini waan kana maro waan worra iyaaleefi jed'a: Waaqi nafa nama gula nama inqoru jaaroleeni tuni waan haraa ka heredde tokole na indarre.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii ammoo nama gugurdaa fakkaatta; anin waan kana marroo waan warraa hin yaalleef jedha, Waaqii nafa namaa gula nama hinqoru, jaarroleen tun waan haaraa ka herredde tokkollee na hindarre.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri bulchoota fakkaatan ammo eennummaan isaanii ka duraa womaa natti hin fakkaatu. Rabbi fuula namaa laalee wol hin dabarfatu. Isaan Dubbii Nagayaa ka ani himu irratti womaa hin edaane.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri bulchoota fakkaatan ammoo eennummaan isaanii ka duraa womaa natti hin fakkaatu. Rabbi fuula namaa laalee wol hin dabarfatu. Isaan Oduu Nagayaa ani himu irratti womaa hin edaane.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kunniin durssitoota fakkaatanii ka muldhatan garuu, Waaqinni fuula namaa laalee waan hin dalleef, waayee eennummaa isaanii ka duraaniitiif yaada hin qabu, kunniin durssitoota ka jedhaman wongeela ani lallabu ka gammachu'uu irratti, waan haarawa woyiituu itti hin daballe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri sooreyyii gugurdoo ifi fakkeessuu ammoo, eennummaan isaanii ta qaraa womaa natti hin fakkaatu; Waaqi fuula namaa ilaalee hin golu; isaan Oduu Gammadaa ta ani lallabu irratti womaa hin daballe.