Galatians 2:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akkasuma sooreyyiin akka utuba'aa ilaalamanu Yaaqoob, Pheexrosii fi Yohaannis, badhaadha anaaf kenname hubatanee, tokkumaa mudhisiisaaf Baarnaabaasii fi ana woliin harka wol qabanneerra; Baarnaabaasii fi ani gara worra Yihudoota hin te'inii akka dhandhu, isaaniille gara worra gosa Waaqaa akka dhaqanu woliif galleerra.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yakobofi Petrofi Yohanani, jari jaarole fakaatu, aka Waaqi huji tana naa kenne arginaani, naafi Barnabale ee jed'ani nu gula galani, nu nama taka taane, gosa d'ibi keesa hojanna, worri ha Yahudi keesa hojatu jenne woliti buufanne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yaaqoob, Phexrosii fi Yoh. aannis, jarii jaarrollee fakkaatu, akka Waaqii hujii tana naa kenne arginaan, naa fi Baarnaabaasiillee jedhanii nu gula galanii, nu akka nama takkaa taanee gosa dhibii keessa hojjannu, warrii ha Yihudii keessa hojjatuu jenne walti buufanne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri bulchoota ijoo fakkaatanii mudhatan Yaaqoob, Keefa'aa fi Yohaannisillee Rabbi akka kennaa badhaadhummaa naa kenne hubatanii nu gara worra Yihuudii hin taanee, isaan ammo gara worra Yihuudotaa akka dhaqan, anaa fi Barnaabaasiin woliin wolii galan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri bulchoota ijoo fakkaatanii mudhatan, Yaaqoob, Keefa'aa fi Yohaannisillee Rabbi akka kennaa badhaadhummaa naa kenne hubbatanii nu gara worra Yihuudii hin taanee, isaan ammoo gara worra Yihuodotaa akka dhaqan, anaa fi Barnaabaasiin woliin wolii galan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akka utuba'aa fakkaatanii durssitoonni mulidhatan Yaaqoob, Phexirosii fi Yohaannis'llee, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaatiin carraa addaa ka tajaajilaa kana akka naaf kenne yeroo hubatanitti, anaa fi Baarnaabaasiin malikata nu'u woliin hirmmaachuu isaanii ka ta'e harka isaanii ka mirgaa nuuf ni kennan, nu'u gara ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee akka deeminuuf isaan'llee gara Yihudotaa akka deemaniif, wolii ni galan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma sooreyyiin akka utuba'aa ilaalamanu Yaaqoob, Pheexroosii fi Yohaannis, badhaadha naaf kenname hubatanee, tokkummaa mudhisiisaaf Baarnaabaasii fi na woliin harka wol qabanneerra; Baarnaabaasii fi ani gara worra Yihudoota hin te'inii akka dhandhu, isaaniille gara worra gosa Waaqaa akka dhaqanu woliif galleerra.