Galatians 3:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Barreeffam Woyyichi, “Waan Kitaaba Seeraa keesatti barreeffame mara, nami hin eegganne maraa ka abaarame!” waan jedhuuf, worri Seera eeggatiisatti ciqliffatu abaarsa jala jira.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Seera guutiti heregatu ya abaarame. Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Nami waan Seera keesati t'aafani ch'ufa gula indeemne ya abaarame jetti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii seera guutitii herregatu ya abaarame. Wantii akkanaatiif barreessiin, “Namii waan seera keessaatti barreessan cufaa gula hindeemne ya abaarame” jetti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka hujii seeraatiin ta'e maruu abaarsa jala waan jiraniif, «Kitaaba seeraa mara keessatti ka barreffaman ka jabaatee ittiin hin jiraanne maruu, ka hujii irra hin oolchine maruu ka abaarame!» jedhamee waan bareeffameeruuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka hujii seeraatiin ta'e maruu abaarsa jala waan jiraniif, «Kitaaba seeraa mara keessatti ka barreffaman ka jabaatee ittiin hin jiraanne maruu ka hujii irra hin olchine maruu ka abaarame!» jedhamee waan bareeffameeruuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Kitaaba seeraa titti ajajoota barreeffaman mara keessattuu jabaatee ka ittiin hin jiraannee fi ka isaan hin raawwanne marrinuu, ka abaarame» jedhamee waan barreeffameef, «Seera raawwachu'uun ni qulqullaayoma» worri jedhan marrinuu, ka abaaraman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barreeffam Woyyichi, «Waan Kitaaba Seeraa keessatti barreeffame mara, nami hin eeganne maraa ka abaarame!» waan jedhuuf, worri Seera eeggatiisatti ciqilfatu abaarsa jala jira.