Galatians 3:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Obboleeyyan tiyya, le'ii guyyuma guyya'aa keessaa fakkeenna tokko fuudhee dubbadha: yoo nami lamaan waan tokko irratti wolii galee, wolii galtee san mallatteesse, eennulle wolii galtee san diigiisaaf, yookiin wo itti dabaliisaaf hin dande'u.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Oboleyaani me, fakeenna kanaani hubad'a: Yo nami lama woi ira wold'aqe tatabe gubba t'aafani, nami tokoleeni dandae wold'aqisa suni inch'absu, yokhaani iti indaru.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Obboleeyyan mee, fakkeenna kanaan hubadhaa yo namii lama wa irraatti waldhaqee ergaa gubbaa barressee, namii tokkolleen danda'ee waldhaqiisa sun hincabsu, yokaan itti hindaru.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Obboleeyyan tiyya! Akka Aadaa namaatitti kana jedha. Namallee yoo ta'e, abdii mirkanaaye eennullee hin tuffatu yookaan itti hin eda'u.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Obboleeyyan tiyya! Akka Aadaa namaatitti kana jedha. Namallee yoo ta'e, abdii mirkanaaye eennullee hin tuffatu yookiin itti hin eda'u.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa obboleeyyan! Mee waan kana ka nama biratti baratameen wol biratti laalaa, waadammaan naminni tokko aseeneeyyuu eega mirkanaayeen duubatti, naminni kumi'llee isa diigu'uuf yookiin itti dabalu'uuf hin danda'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleeyyan tiyya, le'ii guyyuma guyya'aa keessaa fakkeenna tokko fuudhee dubbadha: yoo nami lamaan waan tokko irratti wolii galee, wolii galtee san mallatteesse, eennulle wolii galtee san diigiisaaf, yookiin woy itti dabaliisaaf hin dande'u.