Galatians 3:16 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre Waaqi Abrahaamii fi sanyii isaatiif addii kenneera; Barreeffam Woyyichi, akka nama heddu'uuf dubbatamuutitti, “Sanyoota” hin jedhu, akka nama tokkoof dubbatamuutitti, “Sanyii” jedha, innille Kiristoos.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi kakhu ufi Abrahamufi ilma isaati khakhate. Ilmaani isaa injettu, ammo Ilmuma kanke jetti, akasi jechaani nama toko ch'alla, Kristo, jechu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaqii kakuu ufii Abrahaamii fi ilma isaatti kakaate. Ilmaan isaa hinjettuu, ammoo “Ilmuma kankee” jetti. Akkasi jechuun ilmuma tokko calla, sulleen Kiristoo, jechuu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abrahaamii fi fiixaa isaatiillee dubbii abdi'iititu himame. Barreeffamni Woyyuun, akka namoota hedduuf dubbatuuf, «Fiixaa» isaaniitiin hin jedhu; akka nama tokkotti dubbateetitti ammo «Fiixaa» keetiif jedha; innillee Kiristoos.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Abrahaamiif fiixaa isaatiillee dubbii abdi'iititu himame. Barreeffamni Woyyuun, akka namoota hedduuf dubbatuuf, «Fiixaa» isaaniitiin hin jedhu, akka nama tokkotti dubbateetitti ammoo, «Fiixaa» keetiif jedha; innillee Kiristoos.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqinni'llee Abrahaamii fi fiixaa isaatii dubbii abddi'ii ka kenne bifa kanaan, kitaabchi dubbiin abddi'ii Abrahaamiin duubatti ka kenname baayi'eewwaniif akka ta'e taasisee, «Fiixaawwan keetiifii» miti, garuu tokkoof akka ta'e taasisee, «Fiixaa keetiif» jedha, kun'llee, «Fiixaa kee» ka jedhame Kristos.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Waaqi Abrahaamii fi sanyii isaatiif addii kenneera; Barreeffam Woyyichi, akka nama heddu'uuf dubbatamuutitti, «Sanyoota» hin jedhu, akka nama tokkoof dubbatamuutitti, «Sanyii» jedha, innille Kiristoos.