Galatians 3:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Kana jechuun kiyyalle, Seerri woggaa dhibba afurii fi soddomaan duuba kenname, gondooroo qara Waaqaan gondoorante diigee, waadaa galame san balleesiisaaf hin dande'u jechuu kiyya.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti anini jechu fed'u tana: Waaqi wold'aqisa tolche aka guutu kakhate. Seeri ka ganna d'ibba afuritifi sodoma eegi suni d'ufe dandae wold'aqisa balleesee kakhu Waaqa guutamu ind'owu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii anin jechuu fedhuu, Waaqii waldhaqiisa tolche akka guutu kakate. Seerii ganna dhibba afuritii fi sodomaa eegii sun dhufee danda'ee waldhaqiisa balleesee kakuu Waaqaa guutamuu hindhowu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanallee akkana jedha, woggaa dhibba afurii fi soddomaan maayii seerri duraan kenname abdii dubbii Rabbiitiin mirkanaaye haga diiguuf dubbii abdi'ii balleessuu hin danda'u.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanallee akkana jedha, woggaa dhibba afurii fi soddomaan maayii seerri duraan keenname abdii dubbii Rabbiitiin mirkanaaye haga diiguuf dubbii abdi'ii balleessuu hin danda'u.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa ani ka jedhu kana, woggaa dhibba afurii fi soddomaan duubatti seerri kenname, durssee Waaqaan mirkanaayee dubbii kenname ka waada'aa diigu'uun, dubbii abddi'ii diigu'uuf hin dandda'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kana jechuun kiyyalle, Seerri woggaa dhibba afurii fi soddomaan duuba kenname, gondooroo qara Waaqaan gondoorante diigee, waadaa galame san balleessiisaaf hin dande'u jechuu kiyya.