Galatians 3:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Kennansi Waaqaa Seeratti ciqilfatiisaan adoo te'ee, waadaa galametti ciqilfatiisaan hin te'uuyyu. Te'uu malee, karaa waadaa galameetiin, Waaqi kennansa ifii Abrahaamiif kenneera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi yo d'aalti Seeraani taate, yoosi kakhuuni intaatu. Taatule Waaqi Abrahamuti kenne, waan inni isaati kakhateefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akkanaatiif yo dhaaltii seeraan taatee, yoos kakuun hintaatu; taatuullee Waaqii waan isaa kakateef Abrahaamii kenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dhaala argachuun uduu karaa seeraatiin ta'ee ammaa achi dhaalli karaa Waada'aatiin hin argamu ture. Jecha abdi'iitiin ammo Rabbi Abrahaamii kenneera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dhaala argachuun karaa seeraatiin uduu ta'ee, ammaa achi dhaalli karaa Waada'aatiin hin argamu ture. Jecha abdi'iitiin ammoo, Rabbi Abrahaamii kenneera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Wonitti tokko ka dhaalamu karaa seeraatiin uduu ta'ee jiraatee karaa dubbii abddi'ii ka Waaqinni kenneetiin ta'uun isaa ni hafaayyu ture, garuu Waaqinni dhaala Abrahaamiif ka kenne, karaa dubbii abddi'iitiin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kennansi Waaqaa Seeratti ciqilfatiisaan adoo te'ee, waadaa galametti ciqilfatiisaan hin te'uuyyu. Te'uu malee, karaa waadaa galameetiin, Waaqi kennansa ifii Abrahaamiif kenneera.