Galatians 3:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Barreeffam Woyyichi akka Waaqi worra gosa isaa hin te'in dhugeeffanna'aan balchoonsu, duraan dursee dhaggee Abrahaamiin, “Gosi maraa si'iin hin eebbifama” jedhee, Oduu Gammadaa itti himeera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
T'aafiini, aka Waaqi d'ugefachaani gosa d'ibi d'uga hereguufi duru argite, jennaani t'aafiini Odu Dansa duriyu Abrahamu barsiifte waan jette, Maro teetiifi Waaqi nama lafa jiru ch'ufa eebisa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Barreessiin, akka Waaqii dhugeeffachaan gosa dhibii qulqulluummaa herreguuf duru argitee jennaan, barreessiin oduu dansaa duriiyyuu Abrahaam barsiiftee, “Mar. roo teetiif Waaqii nama lafa jiru cufaa eebbisa” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kitaabnillee Rabbiin worra Yihuudii hin taane amanti'iin qajeelchu dursee argee, «Baniin maruu siin eebbifama» jedhamee Dubbiin Nagayaa Abrahaamitti dursee himameera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kitaabnillee Rabbiin worra Yihuudii hin taane amanta'aan qajeelchu dursee argee, «Baniin maruu siin eebbifama» jedhamee Oduun Nagayaa Abrahaamiif dursee himameera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqinni ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne amanti'iin akka isaan qulqullaayomssu kitaabnni Qulqulluun durssee argee, «Ummatoonni marrinuu si'iin ni eebbifaman» jechu'uun durissee, Abrahaamiti odduu gammachu'uu himee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barreeffam Woyyichi akka Waaqi worra gosa isaa hin te'in dhugeeffanna'aan balchoonsu, duraan dursee dhaggee Abrahaamiin, «Gosi maraa si'iin hin eebbifama» jedhee, Oduu Gammadaa itti himeera.