Galatians 4:1 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ammalle wonni ani jedhuu barbaadu kana: ilmi karra abbaa ifii dhaalu tokko, karra abbaa ifii mara irratti goottaa yoo te'elle, haga ijoollumma'aan jiru garbicha tokko hin caalu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ilaala, gurba abba d'aalu haga inni diqa ch'ufa hojja ch'ufa akuma tisse tolchani, ato wonti ch'ufti ta isaa taatele.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Laalaa, gurbaa abbaa dhaalu haga innii diqqaa cufa, adoo wantii cuftii ta isaa taateellee yo cufaa akkuma tissee tolchanii.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo ani ammallee akkana jedha; Ilmi qabeenna abbaa ufii dhaalu tokko yoo qabeenna abbaa ufii maraa irratti abbaa ta'e, haga ijoollumma'aan jiru garbichaan garaagarummaa hin qabu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo, ani akkana jedha. Ilmi qabeenna abbaa ufii dhaalu tokko, qabeenna abbaa ufii maraa irratti abbaa yoo ta'e, haga ijoollumma'aan jiru garbichaan garaagarummaa hin qabu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ammallee ka jedhu kanuma, dhaalaan daaima ta'ee yeroo argamutti yoma abbaa qabeenna maraa ta'e'llee, garbicha irraa woyiinuu adda hin jiru.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammalle wonni ani jedhuu barbaadu kana: ilmi karra abbaa ifii dhaalu tokko, karra abbaa ifii mara irratti goottaa yoo te'elle, haga ijoollumma'aan jiru garbicha tokko hin caalu.