Galatians 4:12 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Obboleeyyan tiyya, waan ani akka keessan te'eef, isinille akka kiyya akka teetanuuf isin kadhadha. Isin womaa ana hin yakkine.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini isani kad'ad'a, oboleyaani tiyya, aka kiyya taha. Anileeni akuma keesani jira. Isani nati iwolaalle.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Obboleeyyan tiyya, anin isan kadhadhaa akka kiyya tahaa! Anilleen akkuma keessan jira; isan homaa natti hindamne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Obboleeyyan tiyya! Anillee akkasuma ammo deebi'ee akka keessan waan ta'eeruuf, akka kiyya ta'aa'a jedhee isin kadhadha. Isin womaa na hin yakkine.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Obboleeyyan tiyya! Anillee akkasuma ammoo deebi'ee akka keessan waan ta'eeruuf, akka kiyya ta'aa jedhee isin kadhadha. Isin womaa na hin yakkine.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa obboleeyyan! Ani akka keessan waan ta'eef isin'llee akka kiyya ta'aa jedhee isin ni kadhadha, isin womaayyuu ana hin miine.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleeyyan tiyya, waan ani akka keessan te'eef, isinille akka kiyya akka teetanuuf isin kadhadha. Isin womaa na hin yakkine.