Galatians 4:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Gammad keessan sun eessa dhaqe ree? Adoo dandeettane ila teessanille ifi keessaa baattanee, worra anaaf kennitanu akka teetane anuu dhugaa hin baya.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani gaafasi guddo gammaddani! Ammo amma maanti lafa d'ufe re? Wonti anini waan keesani jed'u tana: yo dandeetani gaafasi sila ilale ufi keesaa fuutani naa kennitani!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isan gaafas guddoo gammaddanii, amma ammoo maantii lafa dhufe ree? Gaafas adoo dandeettanii akka isan ila teessanuu ufi keessaa fuutanii naa kennitan anuu isanii dhugaa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eegasuu gammachiisuun keessan sun eessa dhaqe ree? Uduu isiniif danda'amee ija keessan uf keessaa baaftanii naa kennuun fedhii keessan akka ta'e anuu ragaa isinii baya.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eegasuu gammachiisuun keessan sun eessa dhaqe ree? Uduu isiniif danda'amee ija keessan uf keessaa baaftanii naa kennuun fedhii keessan akka ta'e anuu ragaa isinii hin baya.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gammachuun asiin durana qabddan marri eessa bade? Uduu dandda'amee ijuma keessanuu baafittanii naaf kennitan akka ture, ani mataan kiyyaa isiniif ragaa ni baya.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gammad keessan sun eessa dhaqe ree? Adoo dandeettane ila teessanille ifi keessaa baattanee, worra naaf kennitanu akka teetane anuu dhugaa hin baya.