Galatians 4:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Namooti kuun isiniif akka malee yadatan, te'uu malee dansa'aafii moti; akka isin isaaniif jabaattanee yaadattanuuf, nu irraa isin kutiisa barbaadan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jari kaani guddo isani sosoba, ammo dansumti keesa injirtu. Worri gargari nu baasu fed'a, aka waan worri isani sehu isanileeni worrale seetani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jarii kaan guddoo isan sosoba, ammoo dansumtii keessa hinjirtu. Warrii akka waan warrii isan sehuu isaniilleen warra seetan, gargarii nu baasuu fedha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jabeessanii isin soqan; haa ta'uu ammo waan misha'aafii miti; wonti jabeessanii isin soqaniif isin yaada keessan isaan irra akka kaayattaniif; nu irraa adda isin fooyuu barbaadan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Jabeessanii isin soqan, haata'uu ammoo waan misha'aafii miti; wonti jabeessanii isin soqaniif, isin yaada keessan isaan irra akka kaayattaniif, nu irraa adda isin fooyuu barbaadan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni kuunniin waayee keessaniif sarddamu'uun ni yaadan, haa ta'u malee kana ka raawwatan waan misha'aafii miti, fedhiin isaanii isin nu'u irraa akka fooyamittanii fi yeroo maraa isaaniif akka yaaddaniif.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namooti kuun isiniif akka malee yaadatan, te'uu malee dansa'aafii moti; akka isin isaaniif jabaattanee yaadattanuuf, nu irraa isin kutiisa barbaadan.