Galatians 4:19 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ijoollee tiyya, haga bifi Kiristoosii isin keessatti mudhatutti, ani ammalle akka dubartii deettuu isiniif hin ciniinsifadha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ijoolle tiyya, akuma haati nama d'altu ch'ininfatte d'ukubsattu, anileeni isanifi d'ukubsad'a, haga Kristoni isani keesati uumamuuti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ijoollee tiyya, haga Kiristoon isan keessaatti mulatuutti, anin akkuma haatii nama dhaltu ciniinsifattee dhukkubsattuu, isaniif dhukkubsadha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ijoollee tiyya! Haga bifti Kiristoosii isin keessatti mudhatutti, ammallee waan keessaniif akka dubartii deettuutitti ciniinsifadha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ijoollee tiyya! Haga bifti Kiristoosii isin keessatti mudhatutti, ammallee waan keessaniif akka dubartii deettuutitti ciniinsifadha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa ijoolle tiyya! Kristosii isin irratti bocamee haga muldhatutti, deebi'ee waayee keessaniif sarddama ciniinsu'uu irratti ni argama.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ijoollee tiyya, haga bifi Kiristoosii isin keessatti mudhatutti, ani ammalle akka dubartii deettuu isiniif hin ciniinsifadha.