Galatians 4:2 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaan abbaan isaaf murteesse haga geettu, harka worra isa guddisuutii fi worra isa bulchuu jala tura.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Haga inni diqa, nama isa qorqorate waan isaa ch'ufa tissuti jira, haga guyyaani abbaani d'aamatu gahuuti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Haga guyyaan abbaan dhaamatu gahuutti, haga innii diqqaa nama isa qorqoratee waan isaa cufaa tissuti jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga guyyaa gaafa haaganaa abbaan qabeetitti harka worra isa guddisuu fi worra isa bulchu jala jiraata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo, haga guyyaa gaafa haganaa abbaan qabeetitti harka worra isaa guddisuu fi worra isa bulchu jala jiraata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu yeroon abbaan isaa isaaf murteesseef haga gayutti, harka guddifttootaa fi soorttotaa jala jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaan abbaan isaaf murteesse haga geettu, harka worra isa guddisuutii fi worra isa bulchuu jala tura.