Galatians 4:22 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Abrahaam ilmaan lama qabaayyu; tokkocha dubartii garbitii irraa, kaan dubartii garbitii hin te'in irraa, akka uumate barreeffanteerti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Abrahamuni ilmaani lama qaba jed'a, toko niiti tisseti d'aleefi, kaani niiti balchaati d'ale.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Abrahaam ilmaan lama qaba; tokko niitii tisseettiin, kaan ammoo niitiin balchittiin akka dhalteef la barreeffame.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abrahaam ilmaan lamaan uumate keessaa tokko garbittii irraa, kaan ammo bantittii irraa akka uumate barreeffameera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Abrahaam ilmaan lamaan uumate keessaa, tokko garbitii irraa, kaan ammoo bantittii irraa akka uumate barreeffameera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kitaabban qulqullaayomota keessatti, «Abrahaam ijoollee lama qaba ture, tokkochi ka dhalate dubarttii tajaajilttuu irraa yoo ta'u, ka bira'aa ka dhalate dubarttii bilisa taate irraa ture» jedhamee barreeffamee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Abrahaam ilmaan lama qabaayyu; tokkocha dubartii garbittii irraa, kaan dubartii garbittii hin te'in irraa, akka uumate barreeffanteerti.