Galatians 4:23 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ilmi tokkochi dubartii garbitii irraa, akka fedha foonii calla'aan dhalate; kuun ammoo dubartii garbitii hin te'in irraa, addii kennanteen dhalata.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ilmi niitiini tisse d'alte aada namaa gula d'alate, ammo kaani kakhu Waaqa gula d'alate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ilmii niitiin tissee dhalte aadaa namaa gula dhalate, kaan ammoo ka niitiin balchittiin kakuu Waaqaa gula dhalate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo ilmi garbitti'iillee akka fedha fooniititti dhalateera; ka bantitti'ii ammo dubbii abdi'iitiin dhalateera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo, ilmi garbitti'iillee akka fedha fooniititti dhalateera; ka bantitti'ii ammoo dubbii abdi'iitiin dhalateera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ilima garbbitti'ii ka dhalate akka aadaa foonayaa baratameetiin yoo ta'u, ka dubarttii bilisa taatee garuu, akkaataa bu'ura dubbii abddi'ii ka kennameetiin ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ilmi tokkochi dubartii garbittii irraa, akka fedha foonii calla'aan dhalate; kuun ammoo dubartii garbittii hin te'in irraa, addii kennanteen dhalata.