Galatians 4:24 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Amma kun fakkeenna; dubartooti lamaan sun fakkeenna gondooroo lamaanii ti. Takkattiin ta ijoolleen isi'ii garbummaa keessatti dhalatte Aggaari; isiin fakkeenna gondooroo Gaara Siina'aa irratti gondooranatee ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan kana aka mammaasa hima: nad'eeni lamaani wold'aqisa lama, toko Hajiri ta gaara Sinai ira d'ufte, d'alooti isii tissele.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii kun akka mammaasaa; nadheen lamaan akka waldhaqiisa lamaa, tokko Aggaar ta gaara siinaa irraa dhufte, dhalootii isiilleen tissee.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Wonti kun akka fakkeennaatitti fudhatama; dubartoonni lamaan tunniin akka waadaa lamaaniititti laallaman. Dabra Siinaa keessaa takkattiin garbumma'aaf ijoollee deetti; Isiinillee Aggaari.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Wonti kun akka fakkeennaatitti fudhatama; dubartoonni lamaan tunniin akka waadaa lamaaniititti laallaman. Dabra Siinaa keessaa takkattiin garbumma'aaf ijoollee deetti; Isiinillee Aggaari.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kun'llee fakkeenna ture, dubarttoonni lamaan tunniin fakkeenna waadaawwan lamaanii turan, Gaara Siina'aatii ka taate fakkeenni takkatiin Aggaariin turtte, isiin'llee ijoollee ka deettu garbumma'aaf ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Amma kun fakkeenna; dubartooti lamaan sun fakkeenna gondooroo lamaanii ti. Takkattiin ta ijoolleen isi'ii garbummaa keessatti dhalatte Aggaari; isiin fakkeenna gondooroo Gaara Siina'aa irratti gondoorantee ti.