Galatians 4:25 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Aggaariin Gaara Siina'aa ka biyya Arabaa keessa jiruun fakkeeffante sun, fakkeenna Yerusaalemii amma kolbaa ifii woliin garbummaa keessa jirtuu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hajiri gaara Sinai ka lafa Arafti keesa jiru fakaatti; isiini fakeenna dira gudda Yerusalemu amma jiru qabdi, ka nami isa keesa jiru ch'ufti tisse.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Aggaar gaara siinaa ka lafa Arabaa keessa jiru fakkaatti; isiin fakkeenna dira guddaa Yerusaalem amma jiru ka namii isa keessaa jiruu cuftii tissee qabdi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Aggaariin tun ta Dabra Siinaa lafa Arabaa keessa jirtu fakkaatti. Ammallee Yerusaalemii amma jirtu tana fakkaatti. Ijoollee isi'ii woliin garbummaa keessa waan jirtuuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Aggaariin tun ta Dabra Siinaa lafa Arabaa keessa jirtu fakkaati. Ammallee Yerusaalemii amma jirtu tana fakkaatti. Ijoollee isi'ii woliin garbummaa keessa waan jirtuuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Aggaar biyya Arabaa titti ka arigamu Gaara Siina'aatiif fakkeenna ni turtte, kanaaf Yerusaalemii ammatti'iitiin wol ni fakkaatti, isiin'llee ijoollee isi'ii woliin garbrumma'atti ta arigamttu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Aggaariin Gaara Siina'aa ka biyya Arabaa keessa jiruun fakkeeffante sun, fakkeenna Yerusaalemii amma kolbaa ifii woliin garbummaa keessa jirtuu ti.