Galatians 4:30 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Barreeffami Woyyichi ammoo maan jedha? Wonni jedhu, “Ilmi garbitti'ii, ilma ta garbittii hin te'inii woliin dhaala waan hin qoodanneef, garbittii ilma isi'ii woliin ari'i!” hin jedha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo t'aafiini maani jetti? Niiti tissetiifi ilma isii gati, wonti akanatiifi ilmi niiti tisse ilma niiti balcha woliini abba ind'aalu jetti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo barreessin maan jetti? “Niitii tisseetii fi ilma isii gati, oofii, baas, wantii akkanaatiif ilmii niitii tissee ilma niitii balchaa waliin abbaa hindhaalu” jetti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo Kitaabni maal jedha? «Ilmi garbitti'ii, ilma bantitti'ii woliin waan hin dhaalleef, garbittii mucaa isi'ii woliin ari'i!» jedha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo, Kitaabni maal jedha? «Ilmi garbitti'ii, ilma bantitti'ii woliin waan hin dhaalleef, garbittii mucaa isi'ii woliin ari'i!» jedha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu kitaabnni Qulqulluun ka jedhu maal'i? kitaabnni Qulqulluun, «Ilimi dubarttiin tajaajilttuun deette ilmi dubarttiin bilisa taate deetteen woliin waan hin dhaalleef, tajaajilttuu ilmi isi'ii woliin garas baasiin» jedha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barreeffami Woyyichi ammoo maan jedha? Wonni jedhu, «Ilmi garbitti'ii, ilma ta garbittii hin te'inii woliin dhaala waan hin qoodanneef, garbittii ilma isi'ii woliin ari'i!» hin jedha.