Galatians 4:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Amma ammoo Waaqa beettaneertan; dhugumaan Waaqi isin beekeera. Attam deebitanee gara hunnoota biyya lafaa dadhaboole'ee fi ka woy hin baane kanatti garagaltan ree? Ammalle deebitanee garba isaanii te'iisaaf barbaaddan?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo amma waan isani Waaqa beetaniifi yokhaani waan Waaqi isani beekhufi akamiini dandeetani herega lafa ka woma imbaane ka due deebitani? Maafi deebitani tissele worra tahu feetani?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Amma ammoo waan isan Waaqaa beettaniif yokaan waan Waaqii isan beekuuf, akkamiin dandeettanii herrega lafaa ka homaa hinbaane ka du'eetti deebitan? Maaf deebitanii tissellee warraa tahuu feetan?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Amma ammo haga Rabbiin beettan, keessattuu haga Rabbiin beekkamtaniin maayessa attamitti deebitanii gara dadhabbi'ii, gara waan tuffatamee fi gara barumsa duraa ka faayidaa hin qabnee gara galtanii, garbicha taatanii isaanii bitamuu feetanii?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Amma ammoo haga Rabbiin beettan, keessattuu haga Rabbiin beekkamtaniin maayessa, attamitti deebitanii gara dadhabi'ii, gara waan tuffatamee fi gara barumsa duraa ka faayidaa hin qabnee garagaltanii, garbicha taatanii isaanii bitamuu feetanii?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Amma garuu Waaqa beekittanii jirttan, caala'atti ammoo Waaqinni isin beekee jira, eegasuu, gara isaan dadhabiddootaa fi bu'aa ka hin qabnne naamusa biyya lafaa san attamitti deebitan? Attamitti'llee deebitanii garboota isaa ta'uuf barbaaddan?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Amma ammoo Waaqa beettaneertan; dhugumaan Waaqi isin beekeera. Attam deebitanee gara hunnoota biyya lafaa dadhaboole'ee fi ka woy hin baane kanatti garagaltan ree? Ammalle deebitanee garba isaanii te'iisaaf barbaaddan?