Galatians 5:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Seerri duudiin Jecha, “Akkuma ifi jaallattu nama jaalladhu!” jedhuun wolitti qabama.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Seeri ch'ufti Seera kana keesa jira: nama ch'ufa aka ufi jaalattu jaalad'u.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Seerii cuftii seera tokkocha, “Nama cufaa akkuma ufii jaalattuu jaaladhuu” jedhuu keessa jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Seerri maruu dubbii tokkoon waan raawwatamuuf innillee, «Goshoo kee akka uf jaalattutti jaaladhu!» ka jedhu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Seeri maruu dubbii tokkon waan raawwatamuuf, innillee, «Goshoo kee akka uf jaalattutti jaaladhu! ka jedhu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Seerri marrinuu, «Nama akka kee taasisii jaaladhu!» ka jedhu jecha tokkoon ni raawwata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Seerri duudiin Jecha, «Akkuma ifi jaalattu nama jaaladhu!» jedhuun wolitti qabama.