Galatians 5:21 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
dhiibbaleessa te'uu, machii, sarbicha dhiitu'uu fi ta tana fakkaattu. Akkuma kanaan dura isinitti hime, ammalle itti deebi'ee isinitti hima: worri waan akkasii huju mootummaa Waaqaa hin dhaalu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
wolmorkani, farso d'ugani machaani, wolballeesani, waan hamamtu akana heddu tolchani. Anini amma isani gorsa akuma duri tolche: nami waan akana kana tolchu Finna Waaqa inargatu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
walmorkee, farsoo dhugee machaahee, walballeessee, waan hamaamtuu akkanaa hedduu tolcha. Anin akkuma durii isanitti hime ammallee isanitti himaa, namii waan akkanaa kana tolchu mootummaa Waaqaa hinargatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
gumbisuu'u, machii, jireenna adaba hin qabnee fi ka kanniin fakkaatu; akkuma kanaan dura isinitti hime, worri waan kana godhan horoma jeennata hin galan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Nama wol caalchisuu, barumsa sobaa, dhiibbifatuu, ajjeesuu, machii, sirbaa fi ka kanniin fakkaatu; akkuma kanaan dura isinitti hime, worri waan kana godhan horoma jeennata hin galan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
waanyummaa, machii, gammachuu gara dhabe, kanniin ka fakkaatan, asiin durana akkuma ufi isin eeggachiisetti amma'llee irra deebi'ee ufi isin ni eeggachiisa, wonittoota akkanaa jiran namoonni raawwatan, Mootummaa Waaqaa hin dhaalan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
dhiibbaleessa te'uu, machii, sarbicha dhiitu'uu fi ta tana fakkaattu. Akkuma kanaan dura isinitti hime, ammalle itti deebi'ee isinitti hima: worri waan akkasii huju mootummaa Waaqaa hin dhaalu.