Galatians 5:3 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nami haqanqabaa qassiiffatu mara, dirqama Seera duudii muummeesiisaa akka qabu ani ammalle dhugaa hin bayaaf.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan kana anini jabeesu fed'a, aka nama qabanqaba qabatu ch'ufati himu: nami suni Seera ch'ufa gula deemu male.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka namii dhaqaanqabaa qabatu cuftii jabeessee seera gula yaa'uu male, anin irra dedeebi'ee waan kana himuu fedha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Seera maraa akka raawwatu dirqamni irra jira jedhee worra gadooman maraa tokko tokko isaaniitittillee akkasuma ragaa baya.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Seera maraa akka raawwatu dirqamni irra jira jedhee, worra gadooman maraa tokko tokko isaaniitittillee akkasuma ragaa baya.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Gadoomuu ana barbaachisa» jedhee ka gadoomu marrinuu, dirqama Seera guutuu raawwachu'uu ni qaba jedhee, irra deebi'ee ufi isin ni eeggachiisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami haqanqabaa qassiifatu mara, dirqama Seera duudii muummessiisaa akka qabu ani ammalle dhugaa hin bayaaf.