Galatians 6:4 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nami maraa hujii ifii qoree ilaaluu ti! Achiin duuba worra dhibii woliin wol bira qabee ifi ilaaliisaan adoo hin te'in, ifumaaf waan ittiin ifi jaju hin dhaggata.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami ch'ufti huji ufi laalu male. Yo dansa taate, ha waan tolcheeni ufi guddisuuti, ato waan nami d'ibiini tolcheeni wolbira inqamne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii cuftii hujii ufii laaluu male. Yo dansaa taatee, adoo waan namii dhibiin tolcheen wali bira hinqamnee, ha waan tolcheen ufi guddisuutii.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo namni maruu hujii ufii haa qoratuu. Achiin maayessa ka nama biraa wol bira qabee uduu uf hin laalin ufumaa waan ittiin uf jaju argata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo, namni maruu hujii ufii haa qoratuu. Achiin maayessa ka nama biraa wol bira qabee uduu uf hin laalin ufumaa waan ittiin uf jaju argata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Tokkoon tokkoon namaa hujii mataa isaa qoratee haa qormaatu, kanaan duubatti mataa isaa kaaniin woliin wol dorgomssiisu'uun uduu hin ta'in, mataa isaa qofaa waan ittiin dhaadatu haa argatu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami maraa hujii ifii qoree ilaaluu ti! Achiin duuba worra dhibii woliin wol bira qabee ifi ilaaliisaan adoo hin te'in, ifumaaf waan ittiin ifi jaju hin dhaggata.