Genesis 1:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba lafti latte mukhaafi marra gosa ch'ufa, ka mid'aani killetiifi ka mich'iraani qabuufi ka inqamnele baafte. Waaqi wonti kunini dansa arge.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkaataa kanaan Ardiin biqiltuu'u, sanyii midhaan gara garaatii fi biqiltuuwwan sanyii uf keessaa qaban ka daraaraa gara garaa daraaran biqilchite; Rabbi wonti kun akka mishaa ta'e arge.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre latti biqiltoota adda addaa: mukoota lafa irraa ka akkuma gosa ifiititti midhaan buusuu fi midhaan sanyii ifi keessaa qabu buusu baache; Waaqi tunille dansaa akka teete dhagge.