Genesis 1:26 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Waaqi waan jed'e, Koota, nama mid'aasina fakeennafi akheekha keenna gula, aka inni qurt'umi baariinitifi waan gubbaa barisa ch'ufafi horifi bineensa allaatiifi waan garaani lafa ira lohu ch'ufale mohatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa Rabbi, «Nama bifa keennaan akka fakkeenna keennaatiin haa uumnuu; qurxummiiwwan galaana keessaatii fi allaattiiwwan Sami'ii, hori'ii fi busaawaa, lafa maraa, waan lafa irra sosocho'anii fi looyan maraa haa bulchanii» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Waaqi, «Kowa'a, akka bifaa fi akka fakkeenna keennaatitti, nama dannaa ti. Nami qurxummii abbaaya'aa, sinbirroota, horii, bineensota lafa irraa maraa fi bineensota lafa irra lowanu mara irratti baallii qabaatuu ti» jedhe.