Genesis 11:6 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
waan jed'e, Me ilaala, worri kunini ch'ufti gosa toko, ammalle afaani toko dubbatani; iti keeyachaani waan worri armaa achi tahu tana. Armaa achi worri woma yaadu taha!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi, «Isaan gosa tokko, afaan tokko dubbatan, wonti isaan godhan kun ka jalqabaati; akkaataa kanaan waan karoorfatan maraa hin dadhaban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni, «Kunoo, isaan kolbaa takka'a; marti isaaniituu afaan tokkocha dubbatan; kun waan isaan huju'uuf jiranu keessaa ka jalqabaa ti; waan isaan hujiisaaf yaada qabanu keessaa, takkaalle wonni isaan hujuu dadhabanu hin jirtu.