Genesis 11:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi dira suni maqa Babeli baasani; wonti akanatiifi achiti AABBO Waaqi afaani nama ch'ufa wolmillise, achumaani nama ch'ufa gargari baase wolhanqise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf maqaan isi'ii Baabiloon jedhame waan Rabbi achitti afaan banii biyya lafaa maraa wol milissee isaan tamsaaseef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa achitti afaan biyya lafaa wol keessa akka makamu waan godheef, maqaan addee sanii, «Baabel» jedhamee moggaafame; Mootiin Waan Maraa achi irraa biyya lafaa duudii irra isaan bittinneesse.