Genesis 12:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Abramuuni niiti isaa Sarai fud'ate, Lutu ilma oboleesa isaale fud'ate, horifi tissele Harani keesati horate ch'ufa fud'ate, lafa Kanaaniti godaanaa kae. Lafa Kanaanitiini baannaani,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abraam haadha manaa ufii Sooraa, ilma obboleessa ufii looxiin, horii horanii fi hojjattoota hennaa Kaaraaniin keessa jiran argatan maraa fuudhanii deemanii biyya Kana'aaniititti galan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Abraam niitii ifii Saaraayii fi ilma obboleessa ifii Loox, waan qabanu maraa fi hojjattoota Kaaraanitti dhaggatanelle fudhatanee, gara lafa Kana'aanii deemiisaaf ka'ane. Isaan lafa Kana'aanii yennaa geyane,