Genesis 13:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lutuuni mirgaafi bitaa millate, gara galaana Yordani haga lafa Zoari ilaale, aka isiini bisaani dansa qabdu arge, akuma oobru AABBO Waaqa yokhaani lafa Misiri. (Gaafasi gaafa AABBO Waaqi Sodomafi Gomora imballeesini.)
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Looxi ol jedhee dhooqa naannaya Yoordaanosii jiru maraa biyya bisaan keessa guuteeru akka taate arge; uduu Rabbi Soodoomii fi Gamoraa hin balleessineen dura dhoondhi naannoo Zo'aarii sun akka lafa hulee biqiltuu Rabbii yookaan ta akka biyya Misirii fakkaattu turte.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Loox adaala ilaalee, dhooqi Yordaanosii haga qachaa Zo'aariititti akka oorruu Mootiin Waan Maraa Edenitti godhee, akka lafa Gibxi'iille bisaan akka qaddu dhagge; tun Mootiin Waan Maraa qachoota Sodoomiitii fi Gomora'aa balleessiisaan dura.