Genesis 14:13 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo namichi toko baqate waan kana ch'ufa Abramu ka gosa Ebraniati hime; inni gaafasi fulla mukeeni woyyu, ta namicha Mamre gosa Amori jed'ani, d'aatu jira. Mamrefi oboleyaani isaa Eshkolifi Aneriini golli Abramuti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni tokko dheessee gara Abraamii nama gosa Ibrootaa dhufee itti hime; hennaa san Abraam biyya Amoorotaa keessa hulee qilxuu gugurdaa Maammire'ee ka qulqullaaye bira jiraata'aa ture; Maammireenii fi obboleeyyan isaa Aashkoolii fi Aneer hiriyyoota waada'aa ta Abraamii ta bakka woraanaa turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namichi miliqee bayeeru tokko ammoo, gara Abraamii Ibraawichaa dhufee waan te'e mara itti hime; yennaa san Abraam qilxoota Mamree Amoorichaa bira le'aayyu; Mamreen obboleessa Eshikoliitii fi Anerii ti. Isaan kun yennaa lolaa Abraam qarqaariisaaf wolii galtee godhataneeran.